SEENAA OROMOOTA SHAGGAR - FINFINNE
Kutaa Tokkoffaa
Seenaan Oromoo Gullallee akkuma seenaa Oromoota kaanii nama gaddisiisa,
nama boochisa, haaridhaan ilkaan nama ciniinnachiisee, xiiqii garaa
nama kaayee, booree baafachuuf, jechuun biyya ofii deebisanii harkatti
galfachuuf nama kakkaasa. Kanaafuu, nama boochisas nama boonsisasi!
Raasaa kana (jidduu kana) namoonni keenya tokko tokko waayee dhuma
kanaa irratti yaada ciccimaa fi barreeffama (material) kana irratti
argatan nuu dabarsaniiti jiru. Keessumaayyuu barreeffamni karaa Dr.
Makuraa Bulchaa argame gammachiisaa dha. Waraqata isaa kana otoo
namoonni yeroo qaban gara afaan Oromootti hiikanii, akkuma inni jedhe
karaa beektaniin warra biyyaatii ergamee hedduu gaarii dha. Har'a
ijoolleen Oromoo kan miliyoonaan lakkaawamantu dheebuu barreeffatoota
afaan keenyaan bayanii qabu. Amma ennaa warraaqaa jiran kana immoo kan
akkanaa, kan namni oggaa warri Minilik biyya keenya gubu, nama keenya
gorra'u, dachee barbadeessee loonillee gadoochuu wajjin deemee, argee
barreesse kana argata! niitoo dubbisan baay'ee isaan gargaara.
Waan hundaafuu, akkuma obboleessi keenya kun jedhe, nuti "lamenting"
guddifnee jirraa, mee kana dhiifnee karaa biyyaas karaa alaas
warraaqnee, uummata keenya isa itti duulamaa jiru maddii ijaajjineetoo,
haa sochoonu! Nuti hunduu akka kanaan duraatti qabsoo bilisummaa saba
keenyaa adeemsisuu akka hin dandeenye, daran beekuu qabna. Addunyaa
geeddaramte tana keessatti nutis geeddaramuu qabna. Akkuma Dr. Asaffaa
Jaalataa sirriitti kaaye, "the politics of common sense"-n bilisummaa
keenya gonfachuu hin dandeenyu. Dammaqiinsa sabaa, Oromummaa, kan ammaa
caala gabbifnee, tokkummaa ijaarsota keenya isa bu'ureeffame (ULFO)
sirriitti cimsineetoo, qabsoo sirriitti ijaaramee qindeeffame
adeemsisuun dirqama. Dirqama kana tahu waan karaan biraa hin jirreefi.
Hunduu akkanumatti harqoota koloneeffattootaa caccabsee of irraa !
darbate. Nutis harqoota kononeeffattoota Abas haa akkanumtti
hurreessinee darbachuu qabna. Yoo akka kanaa olitti ibsame goone qofa,
jara meeshaa waraanaa isa ammayyaa hidhatee nuttu duule, hammas ittuma
fufee nutti duulaa jiru kana, kan of irraa faccisuu dandeenyu. Seenaan
Shaggar-Finfinnee seenaa Oromoota isa marsanii jiran, keessumaayyuu
seenaa Oromoo Gullallee wajjin walqabata. Oromoonni Shaggar marsanii
jiran: Gullallee, Eekkaa, Galaan, Sulutaa fi Meettaa Aabbuu ti. Kana
keessa Gullallee fi Eekkaan Shaggar keessas jiraatuyyu, jechuun akka
biyya lammiin tokko irra jiruutti. Hammas isaan lafa irraa duguuganee
fuxuun, koloneeffattoota keenyyaa hin taane, akka gurmee fi
namtokkeettis Shaggar keessa ni jiraatu. Oromoon Gullallee akkamitti
waraana Minilik dura akka dhaabatee, of irraa ittisee, boodas humna
qawwee ibiddaatiin akka moyamee, boodas Shaggar keessaa akka itti
buqqifame, kanaa gaditti gabaabinaan addeef! fama. Oromoon
Shaggar-Finfinnee irraa buqqifamee hari'amuun (ethnic cleansing) kan
jalqabamee har'aa mitii waggaa dhibba dura. Inni har'aa kun yoo
roorriftuuwwan Abashaatii fiixan baye, isa lammaffaa taha. Ammas taanan
kan jalqabame, erga warri Wayyaanee "raroo keessan xaxaddhaatii nurraa
bayaa!", warra OPDO-tiin jedhaniiyyii miti.
Oromoon keenya kan dubbiin hin galleef, "Shaggar keenya babaldhate"
jedheetoo, warra Abashaa
wajjin burraaqa. Ammoo inni dubbiin ganamumaan galeef, akka jagnicha
Oromoo isa durii, akka Abbishee Garbaa quba ofii nyaataa jira. Akkuma
Shaggar babaldhaachaa deemu qeyeen Oromoota naannoo kanaa buqqaa'aa
deema. Dhuguma Londonis, Barliinis, Kaayiroonis, Waashingitan Diisiis
... ganda qotee bulaa buqqiseeti babaldhate. Ammoo inni kun seeraan
beekamee, namoonni buqqifamanis gaafatamanii, wanni hedduu
kennameefiti.
Dabaleesoo, kan buqqa'us kan bakka is! a buqqa'ee qubatus
uummatuma tokko. Keenya garuu, kan buqqa'u gan da Oromoo ti; kan dhufee
achi qubatu warra Abashaa ti. Gandi Oromoo tokko oggaa buqqa'u, aadaa
fi seenaa Oromootu wajjin buqqa'a. Silaa Shaggar dalgamalee, ol hin
ijaaramu, manni dhoqqee Buraayyuu irraa kaasee Aqaaqii Basaqaa gayee
jira. Kun immoo baatii baatiin Oromoo naannoo kanaa irratti raawwatamaa
jira. Gullalleen fi Eekkaan buqqifama durattii irraa hafee, kunoo amma
ijuma keenya duratti buqqifamaa jira. Kanas Oromoonni kun tole jedhanii
hin fudhanne. Gara waggaa torbaatii kaasee ofi irraa faccisaati jiru.
Ammoo kan isaan dhagawu, kan isanii birmatu, kan waayee kanaa illee
addunyaa dhageessiseef hin jiru. Uummanni kun waldaa gandaatiin
ijaaramee, yaa'ii ofii irratti murtii dabarsee, mana marii Shaggar dura
dhaabatee jira. Garuu, manni marii Shaggar kunis foolisii itti
duulchisee isaan buqqiseeti jira. Kuni Oromoota Naannoo Buraayyuu
(Gullallee), naannoo Garjii (Eekkaa), naannoo Boolee fi Laaftoo
(Gullallee! ) fa irratti raawwatamee jira. Ammallee ittima fufeetoo
jira.
Kun cufti yommuu tahu, warri OPDO isaan hin gargaarre. Ilaa
gandeen kun kan turan gariin hammas kan jiran "Bulchiinsa Shaggar" jala
otoo hin tayin, Oromiyaa jala. Oromiyaan warra OPDO immoo, Oromiyaa
uummata ofiitii dhaabattu otoo hin taane, Oromiyaa kophee
koloneeffattootaa fi maxxantoota isaanii jala jirtuu ti.
Warri Amaaraa Shaggar yeroo duraa karaa mara hammaa kiilomeetira 50-tti
babaldhisuuf, kan karoora baafatan jabana Darguu ti. Karaa hundaa
kiilomeetira 50 jechuun: karaa Salaalee magaalaa Caancoo fi Sulultaa
dabree hamma laga Dubar-itti, karaa Amboo hamma Ijeree ("Addis
Alam")-tti, karaa Walisoo hamma Tajiitti, karaa Sooddooo hamma Malkaa
Qunxureetti, karaa Adaamaa hamma Bishooftuutti, karaa Abbichuu hamma
Bakeetti. Kuni sagantaa isanii isa duraati malee, booda babaldhisani! i
"mootummaa naannoo Addis Ababa" jedhaniitoo, Shaggar-Finfinnee&
nbsp;biyya Amaaraa isa Manjee (Manz) wajjin walqabsiisuufi. Ammaa egaa,
oftuultonni Amaaraa isa bara Darguu galmee keessaa baasanii
Wayyaaneetti kennaa jiru. Mallasis warra Amaaraa ofitti harkisuuf,
dabalees fedhii warra isaatii eeguuf, kana haaromsee itti ka'e.
Mee gama biraatti otoo hin ceyin, kan kanaan dura basee tokko keessaan
kanaa gaditti waa isiin dhiyeessa. Kanan ammaaf isiinii dhiyeessu,
walaloota uummata Oromoo kanan naannoo Tuulamaa fi Maccaa ("Shawaa")
irraa walitti qabee, boodas san keessaa waan tokko tokko baase keessaan
lamaan isaanii duwwaa isiniif dhiiyeessa. Kunis ("On Some Oromo
Historical Poems; Tamene Bitima, in: PAIDEUMA 29, 1983, pp. 317-325"
keessaa yoo tahu, inni Dr. Makuraa dhan dhiyaate jechuun, "No more
Standing on Entotto" jedhumu kanuma keessaa fuudhame. Barreeffanni
(article) kun ke! essaa fuudhame, kitaaba biraa keessatti bawuuf mana
maxxansaa jiraatii, waan booda argattaniif mee xiqqoo naa obsaa.
Ammoo akkuman kanaa olitti jedhe, wanni kun yoo afaan Oromootinis baye,
ijoolleen Oromoo biyya jiran waan dhimma ittiin bawuu dandayaniif,
afaanota lachanuu mee kunoo: a) Inxooxxoo dhaabatanii
caffee gallaaluun hafe Finfinnee loon geessanii hora obaasuun hafe.
Tulluu Daalattiirratti yaa'iin Gullallee hafe.
Gafarsatti dabranii
qoraan cabsuunis hafe.
Hurufa Boobiirratti
jabbilee yaasuun hafe.
Bara jarri dhufanii loon teenyas indhumanii.
Idda Mashashaan dhufee birmadummaanis hafe.
No more standing on Intotto, to look down at the
pasture below,
No more taking cattle to Finfinnee, to water at the
mineral spring.
No more gathering on Tulluu Daalattii, where the
Gullallee assembly used to meet.
No more going beyond Gafarsa, to chop
firewood.
No more taking calves, to the meadow of Hurufa Boombii.
The year the enemy came, our cattle were consumed.
Since Mashasha came, freedom has vanished.
Walaloon sun kana yoo tahu, miiljaleewwan (footnotes) hedduu of jalaa
qaba. Isaan keessayyis isaan haala ammatii nu gargaaran mee haa
ilaallu. Kanas akkuma oggaa san afaan Ingiliziitiin barreeffamettan
isiinii dhiyeessa. Afaan Oromootiin immoo waa isinii dabaluun kiyya hin
oolle.
1) Tulluu Daalattii is a hill in Finfinnee, where later Menilek's
"Talaqu-Betamengist"(--- mana mootummaa isa amma Mallas keessa jiraatu,
isa Araat Kiiloo jechuu dha) was built. The hill was a place where the
general assembly of Gullallee took place within the "gadaa" system.
!
2) Hurufa Boombii was a meadow (the later "jan-med") w hich the
Gullallee people used as a grazing area for their cattle. Boombbii =
beetle. Waan boombiin dhoqqee loonii barbaachaaf, achitti baay'attuuf,
hurufa boombii jedhaniini.
3) Jarri meens those people, but in this
verse it means the nafxanyaas, i.e. Menilek's generals and soldiers who
occupied the Oromo, Sidaama, Guraagee, Hadiyyaa, Walaayitaa etc.
territories in the last quarter of the 19th century.
4) Dajjac Mashasha Seifu was Menilek's general (his brother's
son). He led the first expedition against the small Oromo state (Muslem
in faith) of Darraa, between Abbay (the Blue Nile) and the kingdom of
Shawa in 1875, but was defeated by the Darraa army led by Hasanu Waday.
Later, Darraa was defeated by another expedition. Mashasha suppressed
the Gullallee uprising of 1878. Ka'iisa Gullallee kan illee boodan
isinii ibisa. Goota gaggabaa kan jedha! mu Hasanuu Waday, Abbaa
Kuraaraa jedhameetoo, maqaa farda isaatiin beekama. Erga warraanni
Minilik isa moye, "harka koo diinatti hin kennu, farda koo diinni hin
yaabbatu" jedhee farda isa ajjeesee, ofis ajjeesee, seenaa Oromoo kan
gara isaatiin jiru dhiigaan ofiitiin barreessee dabre.
b) Cufaakoo cufaakoo
cufaa jalan bulaa.
Yaa leenca Gullallee
dur sumayyuu abdannee.
Tufaakoo Tufaakoo
Tufaa yaalmaa Munaa.
My barricade, my barricade
I live under your protection.
The shield of Gullallee,
the sustainer of our hope.
My barricade, my barricade,
Tufaa, the son of Munaa.
1) Tufaa Munaa was the leader of Gullallee who fo! ught against
Menilek. Tufaa Munaa baay'ee b eekamaa dha. Har'ayyuu maqaan isaa
kaafemee ittiin dhiichifama, ittiin geerrarama. Gafarsi bakki Shaggar
bishaan boombaa irraa argatu har'as uummata keenyaan Gafarsa Tufaa
Munaa jedhameeti beekama.
Kutaa Lammaffaa
Kutaa isa tokkoffaa fi isa lammaffaa keessatti waayee Oromoota naannoo
Shaggar-Finfinnee turanii fi ammas jiranii isinii kaasen ture. Daangaa
dira Shaggar irraa fi gariin isaan Shaggar keessas kan jiran:
Gullallee, Eekkaa, Meettaa Aabbuu fi Sululta. Xiqqoo irraa hiiqanii
immoo Meettaa Hoolotaa, Meettaa Roobii, Bachoo fi Galaani. Warri kun
hunduu! ilmaan Oromoo Tuulamaa ti. Ilmaan Tuulamaa warri hafani immoo:
Jirruu , Abbichuu, Jidda, Darraa, Jaarso, Yaayyaa, Oborraa, Muloo,
Ada'a Liiban, Ada'a Waayyuu, Ada'a Bargaa, Gombichuu, Sooddo fa'i.
Salaale maqaa biyyaa ti malee, maqaa gosaa miti warri jedhan jiru.
Ta'us Salaale farfamticha keessa Oborraa, Yaayyaa fi Jaarso faatu jira.
Oromoon "ilmaan Tuulama ti". "ilmaan Maccaa ti" oggaa jedhu, ilmaan
ilmaan Tuulamaa, ilmaan ilmaan Maccaas walitti qabeeti. Isa irraa
maddan jechuu dha malee, abbaa qofaa miti.
Tuulama keessa hangafni Galaani. Tuulamni caffee Tuulma guutuu, Odaa
Nabee qaba. Odaa Nabee Shaggar-Finfinnee irraa gara bahaatti
kiilomeetira 40 irratti argama. Naannoo lafa eebbaa naannoo magaalaa
Bishooftuu, magaalattii Duukam irraa gara fuula Bachootti xiqqoo hiiqee
jira. Akka durii seera tumameen biyya hin bulchu malee, ammas abbaan
bokkuu ni jira.
Uummata Oromoo isa naannoo Tuulamaa fi Maccaa kanatti
warri Abashaa kan duuluu jalqaban bara akaakayyuu Minilik bara mooticha
Saahila Sillaasee (1813-1847) dura. Ammoo kan meeshaa waraanaa isa
ammayyaa Biyya Faranjii, Oroppaa, irraa argate isa ture. Amaarri
naannoo Manjee (Manz) farda Oromoo dura dhaabachuu daddhabee lafa fardi
Oromoo fi eeboon Oromoo hin qaqqabne, lafa gaara gubbaa kan hallayyaan
marfamee jirutti baqatee, bara dheeraa achi ture. Biyya obbolaa isaatii
Goojjam, Gondorii fi Amaaraa-Saayinti naannoo Manjee wajjin daangaa hin
qabu ture. Ammas hin qabu. Jidduu naannoo Manjee fi Biyya Amaaraa isa
kaanii Oromoota Darraa fi Boorana Wallootu jira.
Biyyi hallayyaa kun,
Manjeen tokkummaa hin qabu ture. Booda baalabbaanni isaanii tokko tokko
wal isaan taasuuf yaalani. Boodas abbaan Saahila Sillaasee tokko isaan
godhee yeroo duraaf mootii ofiin jedhee Oromootti duuluu jalqabe.!
Ta'us Oromoo mowuu hin dandeenye. Jabana Saahila Sillaasee imaltoonni
fi misiyoononni Faranjii naannoo Manjee,
Shawaa seenu jalqabani. Innis meeshaa waraanaa isaan irraa argateen
Oromootti duuluu isa abbaan isaa jalqabee, daddhabe itti fufe. Ammaa
egaa jarri Manjee qawwee argannaan "jagnoomanii", Tuulamaa bira
dabraniyyuu Oromoo Karrayyuu, Oromoo Arsii, uummata Guraagee, fi Oromoo
Maccaa naannoo Jalduu faatti duuluu egalani. Yommuu Gondor dhaqan
Oromoo Darraa fi Boorana Wallootii gabbara biyya keessa dabruu kan dur
baasan, amma didani. Faranjonni Ankoobar, ganda teessoo Saahila
Sillaasee irraa gara Gondor ennaa deeman, abbaa biyyaa Boorana Walloo,
Adaraa Billee-tii akka horii kellaa baasanii dabraniiyyu kitaabameetoo
jira.
Egaa, akka mangoddoon Oromoo himanitti Amaarri Manjee inni
duratti "gooroo koranii yaa Abbichuu! Yaa Abbichuu!", yoo jedhan
wareeree qaalaatti oldacha! 'u", qawwee Faranjii argannaan jabaatee
Oromootti duuluu itti fufe. Tahus Oromoon yoom isaanii bosoqqee tahe,
akka dhagaa itti jabaate malee! Keessumaayyuu Darraa, Salaale, Abbichuu
fi Galaan bara dheeraa Amaara Manjee of irraa ittisaa turani. Akka
Oromoon jedhu, "ulee cabe furatu keessa seenaa", ta'eeti malee otoo
isaanis akka durii, Oromoon biraas akka durii tokkummaa ofii eeganii,
jarri qawwee argatus akkana taya hin ture. Naannoo Tuulamaa fi
Maccaatti keessumaa Jidda, Abbichuu, Jirruu fi Galaanitti "Galaan oggaa
torba Abbichuu moye. Abbichuunimmoo oggaa kudha torba Sidaama moye"
jedhama. Isaan ulee cabe, jechuun Oromoo gosa gosaan wali-hire
argatanii itti duulalni, mowuullee jalqabani. Goobana Daaccee gosa
ofiitiin waldhabe argatanii, dursanii Abbichuu akkasitti isaan
ollachiisaa turetti duulanii humna qawweetiin qabatani.
Amma gara isa kaanefiitti, gara Shaggar-Finfinneetti haa deebinu. Dur
Shagg! ar jedhamee kan beekamuuyyu, naannoo gaara Hococaa (kan Shaggar
karaa lixaatiin daangessu) fi gaara Erer, gooroo Sulultaa (Inxooxxoo
irraa kaasee kan hamma Marfataatti jiru) fi tulluu Furii jidduu jiru.
Finfinneen immoo Shaggar keessaa naannoo xiqqoo Horri Finfinnee jiru.
Naannoo amma "Filwuha", "Masqal Addababay", "Biherawi", fi Istaadiyooma
jedhamu. Shaggar guutuu kan ture Oromoo Gullallee ti. Ammoo Gullalleen
karaa tokko tokko keessumaa karaa fuula Amboo, Koloboo
("Mannaaggashaa") dabree gadii hiiqee, Bacho Badiittiin walqabata.
Dabalees karaa fuula Walloo Oromoo Eekkaatu ture (jirasi). Laga
Qabbanaa (isa embaasiin Biritaaniyaa fi Rusiyaa bira jiru) irraa
jalqabee bakka har'a Amaarri "Yekka" jedhuu fi Kotobee, Garjii gara
kaabaa dabree, Kaarra Halloo qaari'ee Sandaa fi Laga Daadhii-tiin ceyee
hamma magaalaa Bakkeetti jira. Dabalees Gullalleetti karaa bahaa fi
kibbaa kan aanu Galaani; karaa kaabaa Sululta; karaa lixaa Meettaa
Aaabbuu fi Bachoo Badii ti. !
Gosni Oromoo kun cufti jechuun: Meettaan,
Sululti, Eekkaan, Galaan fi Gullalleen loon isaa hora Finfinnee
obaafata.Yoo xiqqaate waggaatti yeroo tokko, yookaan immoo yeroo lama,
Birraa fi Harfaasaa loon isaa hora geeffata. Abbaan horaa nama yaa'iin
Gullallee file, lammii Gullallee ti. Abbaan horaa akka namni dabaree
isaa eeggatee obaafatu godha. Saanis, namnis walitti hin bu'u jechuu
dha. Kana kan taasisu immoo seera gadaa ti.
Bishaan lafa keessaa burqu kun kan namaa fi kan sa'aa jedhameeti, bakka
lamatti qoodama. Kan horiin dhugu hora. Kunis akaakuu hedduutti
qoodama: caancoo, boolee, boojjii faa. Kan namni dhugu immoo amboo
jedhama. Kan namni dhiqatu garuu, finfina jedhama. Jechayyaan finfinnee
jedhamu isa kana irraayyi baye. Ammoo finfinneen finfina ("xabala")
namni dhiqatu callaa otoo hin taane, finfina laf a keessaa burqee ol
utaalu. Isa afaan Xaaliyaanitiin fontana, afaan Ingiliziitiin fountain
jedhamutti dhiyaata. Hiikkoon isaa inni guutuun: a) a fountain of hot
mineral water b) a place which has several springs.
Horri fi finfinni
Shaggar kan naannoo biraa caala namaa fi horiif qoricha jedhamaayyu.
Finfinni kun dhiqannaan dhibeef qoricha. Dhugnaan immoo dhibee garaa
keessaa baasa. Har'a illee finfina Shaggar, kan Soodaree fi kan Walisoo
yoo dhiqatan akka nama dhadhaa dibateetti nama cululuqsa jedhma.
Naannoon Shaggar lafti isaa jidhaa dha. Shaggar irraa kaasee hamma
Bishooftuutti gaarran dheddheeroo akka Hococa, Erer, Furii, Daalota,
Cuqqaalaa faatu jira. Kana malees tulluuwwan baay'een asisi, achis
faffacaynii argamu. Naannoo kun malkaawwanii fi laggeenis danuu qaba.
Araddaa irreechaa baay'eetu ture. Gariin har'! as ni jiru. Shaggar
"lafa horaa, lafa tolaa" jedhamaayyu. Lafa tolaa jechuun lafa gaarran
isaa koranii, laggeen isa bu'anii, malkaawwan isaa dhaqanii yoo Waaqa
guddicha, "gurraacha garaa gurraachaa, tokkicha maqaa dhibbaa" kadhatan
namaaf dhagayama jedhama. Dabaleesoo galmoota eebbaa hedduutu naannoo
kanatti argamaayyu. Kana keessa kan har'umaa jiru, galmi Haadha
Abbayyii asuma gaara Hococaa jala, magaalaa Daalattii ("Alam Gana")
har'aa irraa xiqqoo siqee argama.
Erga koloneeffattoonni Abashaa biyya
keenya qabatanii immoo bakka dur ayyaanni Oromoo itti kabajamu, taabota
isaanitu dhaabate. Bakka ayyaana keenyaa, bakka aadaa keenyaa, bakka
seera keenyaa, bakka afaan keenyaa kan isaanitu bu'e jechuu dha. Ginni
bittuu Abashaa kun kan dur abbootii isaanii jalaa milqee hafetti, amma
ka'aa jiru. Akka uummanni keenya jedhutti jarri "safuu Waaqaa" hin
beekne kun karaa hund! aa saba keenyatti duulaa jiru.
Sagantaan isaan saba keenyaaf qaban isa har'a Shaggar-Finfinneetti
aggaamame duwwaa miti. biyya teenya, Oromiyaa cicciratanii fudhatanii,
kaanis cicciranii abbaa fe'aniif kennaati jiru. Magaalaawwan Oromiyaa
isaan gurguddoo kan akka Jimmaa, Asallaa, Gobbaa, Adaamaa, Bishooftuu,
Mattuu, Shashamannee faa akka Dirree Dhawaa teenyaa gochuufi. Kuni kan
dhaabatu qabsoo saba keenyaa kan sirriitti ijaaramee, sirriittis
qindaawe duwwaani.
Kutaa Sadaffaa
Barreeffanni har'aa kun isa dhumaa ti. Kanan amma isiniif dhiyeessu
immoo, qabsoo diddaa uummata Oromoo isa kan Gullallee keessaa hamma
tokko duwwaa dha. Uummanni Oromoo erga harqoota koloneeffattoota
Abashaa jala seenee, yoo sadarkaa biyyaatti walqabachuu baatellee, kan
dammaqiins! i fi humni isaa isaaf hayyaame deemseeti jira. Ammoo akkaan
garri caalu hin barreeffamne. Innin har'a isinii dhiyeessu kun yoo
gabaabaa ta'eyyuu, irraayyi waa baranna jedheetani.
KA'IISA OROMO
GULLALLEE ISA BARA 1878
Oromoon Gullallee bara dheeraa waraanaa mootummaa Abashaa of irraa
faccisaa ture. Isa xixxiqaa yoo dhiifne yeroo lama, waraana isatti
duule of irraa deebisee jira. Ammoo dubbiin meeshaa waraanaa isa
ammayyaa irratti kan hundaaye, waan tayeef, waraana isa sadaffaa
irratti moyame.
Sana dura Goobana Daccee Minilik wajjin dhaabatee, erga Oromoo
Abbichuu, Jirruu fi Galaan faa cabse, Oromoota Tuulamaa fi Maccaatti
jaarsa ergee, akka Minilik dura hin! dhaabanne gochuuf yaale. Kan inni
jedhus: nuti fi warri Sidaamaa bara dheeraa wallollee, wal-madeessinee
jirra. Isaan amma qawwee argatanii nuti garuu, homaa of harkaa hin
qabnu. Nutumtuu gosa gosaan wallolaa jirra. Kanaa mannaa koottaa nuti
tokkummaa Oromoo dhaabaneeti, isaan wajjinis nagaan fi walqixxummaan
jiraannaa! Ammoo durreewwan Oromoo baay'een tokkummaa Oromoo inni
kaase, yoo jaalatan illee isa Amaara wajjin taana jedhu hin jaalanne.
Isas amanuu hin dandeenye. Booda Oromoonni "yoo tokkummaa Oromoo feete
kophaa kee koottu! Diina harkiftee nutti hin dhufini. Yoo isaan wajjin
dhuftee, isaan jala nu galchuu barbaadde, nuti si dura dhaabanna.",
jedhaniini. Innis gorsa isaanii hin dhageenye; isaanis dhaamsa isaa hin
fudhanne. Warri Minilik in dhufu, Oromoon immoo of irraa deebisa. Kuni
waggaa baay'ee fudhate. Minilik inni Oromoo Abbichuu bara 1868 keessa
qabate, Oromiyaa guutuu qabachuuf waggaa 31 irraa fudhate. Kunis inni
dhumaa Oromoo Booranaa isa bara 1899 qabatame.
Waraanni Minilik inni yeroo lama Oromoo Gullalleetin moyame, isa
sadaffaa irratti akkaan hidhatee itti dhufe. Gullalleen waraanaa dhufaa
jiru dhageyee, yaa'ii waame. Yaa'iin kun waltajjii Shaggar bakka
yaa'iin isaanii durattumaa itti tahu, Tulluu Daalattii irratti. Bakki
kun iddoo booda Minilik masaraa itti ijaarratee, "masaraa guddicha"
jedhen, bakka amma Mallas Zenaa jiraatu. Yaa'iin seena-qabeessi kun
guyyaa guutuu walmariyachaa oolee, booda sagalee tokkoon waraarana
Minilik dura dhaabachuuf murtee dabarse. Murtee yaa'ii kanaa E.
Cerulli: The folk-Literature of the Galla of Southern Abssinia:
Cambridge, 1922, keessatti barreeffamee jira.
Oromoon Gullallee yaa'ii
kana irratti:
Koottu Dhufe
Akka ati dhuftee toltuun biyyattaa dhufu
Nagaan warrattaa dhudhu
----
Tume seera
Muree seeera
Seerri seera Gullalleeti
Seerri seera Tuulamaati
Seerri seera abbootii Oromooti
---
Luugama fardarraan baasin
Meendhacha harkarraan baasin
---
Jedhee kutannoo cimtuudhan waraana warra Abashaa isa meeshaa
Oroppaa hidhatee, warra Oroppaatinis leenjifame dura dhaabate. Boodas
akka uummanni keenya jedutti "qawwee ibiddaatin" gubatee, mo'muu
danadaye.Yeroon kun bara 1875 keessa.
Loltuu Minilik Oromoon Gullallee
akka mana manaan hiratee, sooru abboomame. Lultuun kun mindaa hin
qabuu, mindaan isaa qutee bulaa Oromoo taye. Gaangota isaatii okaa kan
haamu, miila isaa kan dhiqu ijoollee fi dub! artii Oromoo ti. Dabalees
daakee, tolchee kan isaan sooru dubartii Oromoo ti. Kana keessaa warra
"dabaloo"n isaanii dhume illee kan itti uffisu Oromoo dha. Jarri qawwee
warra Faranjii irraa maqaa kiristaanatiin kennameef malee, biyya
Amaaratii wanni qabatanii dhufan hin turre.
Oromoota Gullallee humna
qawweetiin jilbeeffachiisan waan amanuu hin dandeenyeef, guyyaa guyyaa
qawwee gateettii ofiitti rarraafatanii oolu. Halkan halkan immoo of
bira kaayaniiti rafu. Yoo allaattiin bar jettellee waan Oromoon utaalee
isaan qabatu itti fakkaata. Haalli kun gara waggaa lama fudhate.
Wiirtuu Shaggar keessaa garri amma "Filwuha", "Biherawi", "Masqal
Addababy", Istadiyooma, Dhaaba Sangaa faa jedhamu yeroo gannaa ni
dhoqqaawa. Kanaafuu, warri Gullallee ganna ganna gara naannoo baddaatti
darabaa galu. Waxabajjii deemanii gara dhuma Fulba! anaa darabaa dhaa
deebi'u. Darabaa jechuun immoo yeroof ganna horii ho offatanii bakka
biraatti galuu dha. Mala kana har'umaa illee Oromoonni baay'een,
fakkeenyaaf Oromoon Bachoo faa dhimma ittiin bayaa jiru.
Ganna oggaa
abbootiin warraa kan Oromoota Gullallee darabaa dhaqan, loltuun Amaaraa
dubartoota isaanii dirqisiisnii wajjin ciisu. Dubartoonnis otuma garaan
isaanii gubatuu, silaawoo qawween isaan doorsisuu wajjin rafu. "Wajjin
ciifnu diina, dinnu du'a" jettee dubartiin Gullallee bara durii
jedhama. Kana dubartiin walitti himtee, ganda gandaan akkuma
walbeektutti waliin mariyatte. Yoo abbootii warraa isaanitti himan,
dhiironni haaranii Amaara qawwee boraafatee ciisuun wallolanii,
galaafatamu jedhneeti sodaatani. Booda itti himnaa irratti walii
galaniitoo, haarii dhan itti himani. "Abbaa warraa lama qabna moo?",
jedhanii warra dhiiraa booree garaa kaayani.
Silaa yaa'iin dhoowwamee jiraa, dhiironni gurmuu gurmuun wa! lgayanii
mariyachuun qabsoo haddhooftuu gochuuf, walii galani. Dubbiin turte:
nutoo meeshaa waraanaa hin qabnuu,
akkamitti diina qawweetti rasaasa naqatee, nu jidduu taa'uun qabsaawuu
dandeenyaa ti. Mariyatanii mala tokko irra gayani. Kunis guyyaa murame
tokkotti, halkan dukkanaayee oggaa waarii jala gaye, warri manneen
isaanii tulluu fi koobii bira jiru, daamotii (ibsaa) qabsiisanii gadi
bawuu dha. Ennaa kana Oromoon Gullallee mana manaa gadi bayee, "uu uu
qabi, dhayi! Uu uu qabi, dhayi! ---", jedhee iyyuu dha. Warri akkana
godhus dukkanaa fi muka dayeeffachuu qaba. Gullalleen akkuma
waliigaletti sagantaa isaa hojii irra ooleche. Yoona loltuun Amaaraa
wareeree, utaalee, kaan ofumaan Oromoo se'ee, walitti dhukaasuun
walgalaafate. Kaan immoo shootalaa fi bakara Gullallee isa dukkana
gaachana godhatee haleelutti dirmee, kaan hallayyaatti nam'ee dhume.
Loltuu xiqq! ootu kana irraa hafee, oduuf Ankoobar, Minilik bira gaye.
Minilik gara ji'a sagalii itti qopphaayee, waraana cimaa ilma
obboleessa isaatiin, Dajjaach Mashashaa Seefuu-tiin durfame, Oromoo
Gullalleetti, bara 1878 keessa duulchise. Oromoon Gullallees
qopphaayee, akka nama tokkoo tayee dura gore. Karaa onnee Oromoon yoo
caale malee, Amaaraa gadii miti. Karaa qopphiis sirriitti of ijaaree
jira. Ammoo Oromoon meeshaa waraanaa: eeboo, shootala, wantaa, furrisa,
ablee, billaa faa malee, kan ammayyaa waa tokkollee hin qabu. Warri
Amaaraa akkuma Oromoo ofii lilmoo faa malee hin tolchine. Garuu,
Oromoon "nu warra kiristaanaa fixuufi" jedhee, warra Faranjii irraa
meehsaa jabanaa guurratee, ogeessa waraana Faranjitiinis leenjifamee
jira. Oromoon Gullallee akkuma Oromoo Arsii, Oromoo Harargee faa biyya
ofii fi bilisummaa ofiitii ka'ee, diina itti dhufe dura dhaabate.
Dacheen Gullallee, Shaggar gubattee guyyaa guutuu lolanii, Oromoon akka
okaatti hamamee, kan hafe harka kenne.
San booda Minilik kun isa hanqatee, ammas haloo bawuuf, Oromoo
Gullallee jiddugaleessa Shaggar keessa jiraatu, isaantu kana sade
jedhee, kan dhumaatii irraa hafe buqqise. Gullalleen wiirtuu Shaggar,
naannoo Hora Finfinnee faa jiru, mana manaan faffaca'ee, gara obbolaa
isaa gara naannoo Oromoota birootti baqate. Kaan Meettaa, Sooddo,
Bacho, Ada'a Bargaa, Waliso, Kuttaaye faatti baqatee, boodas isaanin
moggaafamee hafe.
Waggaa kudhan booda (1887-1888) oggaa Minilik
Inxooxxoo irraa gadi bu'ee, Shaggar magaalmataa impaayara isaa
taasifatu, Oromoon Gullallee inni naannoo amma "Arat-Kilo",
"Siddis-Kilo", "Lidata", Markaatoo, Kasaanchis, Piyaassaa (Birbirsa)
faa jiru, buqqifamee waraana Minilikiin oofamee, Arsii naannoo Asallaa
qubachiifame.
Warri kana irraa hafes, akkuma Shaggar! babaldhachaa
deemu, innis buqqifamaa deeme. Tahus Oromoo Gullall ee lafa irraa
duguuganii fixuun daddhabamee, har'as Shaggar keessa fi naannoo isaas
numa jira. Kan biraa hafee, ijuma keenya duratti: Boolee, Garjii,
Bulbula, Laaftoo, Makkannisa, Kaarra Qoree, Buraayyuu, Askoo,
Shoogalee, Qaallittii faa irraa qeyeen isaa buqqa'ee jirra. Oromoon
Gullallee hamileen isaa cimaa waan tayeef, har'uma illee akkuma
Oromoota Warjii faa Shaggar keessatti aadaa fi afaan isaa gadi hin
dhiifne. Walaloo dhan, sirba dhiichisaatiin, kan geerrarsaatiin, kan
naannetiin --- roorroo isa irratti hojjatamee fi ammas hojjatamaa jiru
ibsata. Mee kana keessaa lamaan isaanii callaan isinii dhiyeessa:
a) Booleen dur qamadii magarsaa
Amma roopphalaat irra marsaa!
Irra marsee, irra marsee gadi bu'ee
Saani abbaa qabu du'ee!
Dur caffee Boolee fardatu keessaa imimsa. Hurufa isaa kormatu keessaa
bookkisa. Obruu isaa garbuu fi qamadiitu keessaa lalisa. Booda
Gullalleen buqqifamee, dirreen balali'aa (xayyaaraa) ijaarame.
Gullalleen kun garaa isaa gubeeti kan kana sirbu. "Saani abbaa qabu
du'ee" kan jedhu, horiin waan dheedan dhabanii dhumuu isaanii
hubachiisa. Biyyi abbaa qabu fudhatame, jechuus ni taha.
b) Boolee yaa bishaan Boolee
Roopphilaan harra dirree oolee
Boru Jimmaan gaddabraa
Barri hamaan kun in dabraa
Gattaa'ii, gattaa'itii dhayi sarbaa!
Gullallees tayee, Oromoon naannoo Tuulamaa fi Maccaa,
akkuma Oromoota naannolee biroo, erga "nafxanyaan biyya dhufe, bara
hamaatu dhufe" jedheetu amana. Barri hamaan kanaa olitti walaloo warra
Gullallee keessatti ka'e kunis, bara hamaa, bara roorroo, uummata
keenyatti koloneeffattoonni Abashaa fidani jechuu dha.
XUMURTOO
Kanaa olitti ka'iifni Oromoo Gullallee fi diddaan qabsoo isaanii,
gabaabin isinii dhiyeeffamee jira. Malaa fi tooftaa isaan diina
isaaniitti ka'aniinis agarreetoo jirra. Uummata kutatee ka'e wanni isa
duubatti deebisu hin jiru. Qabsoo diddaa kana keessatti qoonni
dubartoonni Oromoo Gullallee qaban daran nama gammachiisa. Kan nama
boonsisusi. Har'as dubartoonni keenya didha (booree) garaa nu kaayanii,
nu kakaasuu qabu. Siiqqee ofii qabatanii oggaa isaan ka'anii, biyya
kaasan dhiyaachaa jira.
Roorriftoonni Abashaa uummata keenya ba'aa inni baatee deemuu hin
dandenye, itti fe'aa jiru. Dachee teenya Shaggar-Finfinnee, handhuura
biyya keenyaa irraayyi duguuganii nu haxaawuuf deemaa jiru. Shaggar -
Finfinnee, nuuf asxaa biyyummaa keenyaa ti. Wiirtii aadaa fi taliiga
keenyaa ti. Ayaa abbootii fi haadhotii Oromoo ti. Akka uummata
Falastiinaa biyya keenya irraa nu buqqisaa jiru. Akka saba
Falastiinaatti akka lollu nu gochaas jiru. "Ka'aa! Oromoo maal taatanii
teessu!", nuun jechaati jiru. Kana kan nuun jedhu sagalee isaanii otoo
hin taane, gocha isaanii ti.
Nuti daangaa nama hin dabarre. Haqa namaa
tokkollee hin tuqne. Tokkollee hin tuqnusi. Oromiyaa boruu, ishii
bilisoomte keessatti immoo haqni fi mirgi ilmoo namaa guutuutti akka
eegamu, agoobarri ijaarsota keenyaa, ULFO sirriitti kaaye jira. Nuti
caalatti ijaaramnee, kan ijaaramnes ija arsota keenya caalatti
cimsinee, achumaanis tokko goone, tokkummaa ijaarsota keenyaa fi kan
saba keenyaa akka utubaa sibiilaatti jabeessinee, ibidda qabsoo isa
qabsiifame kana akka sirriitti boba'u gochuu dha. Kana gaafa goone,
eenyuyyuu qabsoo bilisummaa saba keenyaa dura dhaabachuu hin dandayu.
09.12.2003
Taammanaa Bitimaa
Barliin irraa