11/12/2003
United Liberation Forces Of Oromiyaa (ULFO)
Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO)
Finfinnee Oromiyaa Irraa Adda Baasuuf Tarkaanfiin Fudhatamaa Jiru Yakka
Oromummaa Irratti Raawwatamaa Jiruu fi
Gochaa Seeraa Alaa Ti.
(Ibsa Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO) Irraa Kenname)
Mootummaan Wayyaane akeeka isaa guddicha kan Oromoo Finfinnee keessaa
haxaawuu fi Finfinnee Oromiyaa irraa adda
baasuu bakkaan gahachuuf itti cichee hojjachaa jira. Waajjirootni
mootummaa naannoo Oromiyaa mi'a isaanii xaxatanii
Finfinnee keessaa akka bahan ajajni inni dhumaa itti kennamee humnaan
hojii irra oolfamaa jira. Finfinneen galma Oromootaa
abbootiin keenya nu dhaalchisan keessaa tokko ta'uutti dabalee giddu
galeessa dinagdee, hawaasummaa fi siyaasa Oromoo
taatee jirti. Finfinneen handhuura Oromiyaa waan taateef, Oromiyaan
Finfinnee malee jiraatti jechuun waan yaadamu miti.
Kanaaf yoom illee Oromiyaa qaamni irraa murmuramte hin fudhannu.
Finfinneen ijaarsa ammayyaa adda addaa kan of keessaa qabduu fi
addunyaa biraa wajjin kan walitti nama fiddu wiirtuu lafaa
ti. Magaalaa guddittii dafqaa fi qabeenya dhaloota Oromoon ijaaramte,
bakka dinagdee fi daldalaa guddaan itti adeemsifamuu
dha. Bakka murteessaa fi waltajjii idil addunyaa ta'e kana irratti
mirga abbaa biyyummaa Oromoon qabu haaluun ta'e
jedhamee ummata Oromoo moggeessuu fi qophxeessuuf shira xaxamuu dha.
Kun qaama Oromiyaa hammeenyaan muruu
dha.
Warri Abisiiniyaa gargaarsa biyyoota Awurooppaa irraa argataniin
Oromiyaa humnaan erga cabsanii waggaa dhibba ol ta'ee
jira. Koloneeffattootni kun Oromiyaa keessa qubatan. Oromiyaa cabsuu
wajjin duudhaa Oromoo fi jireenya hawaasummaa
Oromoo ta'e jedhanii dhabamsiisuu irratti bobba'an. Qubattootni
koloneeffattoota Abisiiniyaa, humna namaa fi qabeenya
Oromiyaa qusii tokko malee walitti fufiinsaan saamaniiru. Bakkoota
hedduutti Oromootni abbaa biyyaa ta'anii utuu jiranii, lafa
isaanii irraa buqqaasani qubattoota irraa qubachiisan.
Gochaan mootummaan Wayyaanee amma raawwataa jiru gochaa abbootii isaa
wajjin tokkicha. Waajjiroota Oromoo
Finfinnee keessaa ari'uuf murteessuun dura, Oromoota Finfinnee marsanii
jiraatan ta'e jedhanii lafa isaanii irraa buqqisan.
Jalqaba lafa magaalaa babal'ifachuu itti aansanii ammoo Finfinnee
Oromiyaa irraa muruuf karoorfatanii hojjachaa jiru.
Oromiyaa asii fi achi ciruun akka barbaadanitti bulchuun tooftaa
qoqqoodanii bituu mootummootni Itoophiyaa dhufaa darba
itti dhimma bahaa yoona gahanii dha. Mootummaan Itoophiyaa amma aangoo
irra jiru sabummaa Oromoo dhabamsiisuuf
mala dhahachaa jira. Mala inni na gargaara jedhee yaadu tokko teessuma
lafaa fi baay'ina ummata Oromoo xiqqeessuuf
hojjechuu dha. Gochaa gara jabinaa mootummaan Itoophiyaa Oromoota
irratti raawwataa jiru dugugiinsa sanyii irraa adda
bahee hin ilaalamu. Oromiyaa xiqqeessuuf karaa adda addaa lafa irraa
mureera. Yeroo ammaa ammoo handhuura Oromiyaa,
Finfinneetti qiyyaafatee jira. Biyya abbaa keenyaa Oromiyaa ijoo
bal'eessuuf gochaa sheexanummaa mootummaan
Wayyaanee raawwataa jiru kun dura dhaabbatamuu qaba. Kanaaf karaa nuu
danda'ame hundaan ni mormina.
Mootummootni Itoophiyaa humnaan cabsanii bittaa kolonii irratti
diriirsan illee, ummatni Oromoo yeroo itti gabrummaa tole
jedhee fudhate hin jiru. Diddaan ummata Oromoo itti fufe kun, sadarkaa
qabsoo bilisummaa sabaatti guddatee jira. Qabsoo
keenyaan mirgoota akka sabaatti yeroo dheeraaf dhabnee turre
deebifachaa jirra. Diinni keenya mirgoota qabsoo keenyaan
arganne sharafuuf:-
o Kaartaa Oromiyaa murmuree gara dhabasiisaa jira.
o Ummatni Oromoo akka Oromummaa hin guddifannee fi hin ijaarre gufuu
ta'aa jira.
o Afaan Oromoo afaan hojii, barnootaa fi qunnamtii akka hin taane
dadhabsiisaa fi dhorkaa jira.
o Akka ummatni Oromoo aadaa isaa hin guddifannee fi hin dagaagfannef
maanguddoota, artiistoota fi beektoota
Oromoo hidhaa, ajjeessaa fi biyyaa arihaa jira.
Injifannoolee jajjaboon kun mootummaa Itoophiyaan sharafamaa jiraatan
illee, wareegama kamuu haa gaafatu malee, ittisa
gochuuf waardiyyaa dhaabbachuu qabna. Finfinnee Oromiyaa irraa adda
baasuuf yaaliin godhamu bifa kamiin iyyuu gochaa
seeraan alaa ti. Kanaaf Oromoota hunda biratti fudhatama hin qabu.
Finfinneen mallattoo fi wiirtuu mootummaa saba Oromoo ti. Shirri har'a
Finfinnee irratti jalqabame bor naannolee Oromiyaa
biroo keessatti itti fufa. Kanaaf, tarkaanfii seeraan alaa mootummaan
Itoophiyaa fudhataa jiru kana ammuma irraa diddaa bifa
hundaa agarsiisuun harkatti rukutuun gaafatamaa fi dirqama Oromoota
hunda irra jiruu dha.
Kana irraa ka'uudhaan Tokkummaan Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO)
yakka mootummaan Itoophiyaa raawwata
jiru kana ni balaaleffata. Karaa danda'ame hundaan qabsoo godhuun
Oromiyaa ni bilisoomsina.
Dhuma irratti hawaasni addunyaa qabsoo haqaa ummatni Oromoo walabummaa
Oromiyaa fi mirga hiree murteeffatnaaf
adeemsisu akka deggeru Tokkummaan Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO)
waamicha godha.
Tokkummaan Humna!
Oromiyaan Ni Bilisoomti!
Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO)