FINFINNEEN TOOFTAA
GABROOMFATAA QULLAA DHAABE
Qaama Cehumsaa Adda Bilisummaa Oromo
Finfinneen handhuura Oromiyaa bakka ummati Oromoo mirgaa fi dantaa ofii
qabu akka ta'e mootummaan Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (Wayyaaneen)
seeraan beeke kan fudhate tapha polotikaaf malee akeeka abbootii isaa
jijjiiree miti. Akeeka Wayyaanee warri gaafas haalan har'a
gabroomfataan
tapha ofii erga fixatee as bahee haaluu hin danda'an. Handhuura
Oromiyaa
nyaachuuf erga ilkee jabeeffate, Wayyaaneen bulchiisa OPDO Finfinnee
keessaa hari'uuf murteeffate. Hojjetooti bulchiisa kanaa mana jireenya
ofii, mana barnoota maatii ofii, haala hojii, bakka tajaajila
hawaasummaa . wkf irraa buqqa'anii Adaamaatti godaanuun gaaga'ama
ulfaataa akka irraan gahu ifaa dha. Gitni gabroomfatoota Ethiopia
akeeka
ummata Oromoof qabu osoo hin hubatin, Wayyaaneen bulchiisa akka
fedhetti ergataa jiru dadhabsiisuuf maliif Adaamaatti akka hari'u,
hojjetoota ergamanii bulan maaliif akka gaaga'u hubachuuf ni rakkisa.
Handhura biyya Oromoo seenanii biyyicha dhuunfachuuf hundeen akeeka
gabroomfatootaa jaarraa kudha sadaffaa keessa Yikunnoo Amlaak irraa
jalqabee wal harkaa fudhaa bakka har'aa gahan. Akka haala yerootti
tooftaa ofii yoo jijjiirratan malee akeekni ganamaa yoomiyyuu hin
jijjiiramne. Kan nama dinqu, Haila Sillaasee irraa jalqabee tooftaa
walfakkaataa dhaan biyya Oromoo dhuunfachuuf warraaqaa jiru. Ijoon
tooftaa isaanii hadhaa farrummaa ofii jechoota mi'aawoo dhaan golguu
dha. Fakkeenyaaf, sirna barnootaa jedhanii eenyumma ummata Oromoo
irratti duulu; misooma dinagdee jedhanii qabeenya Oromoo golgoleessu;
mirga hiree murteeffannoo dhugoomsina jedhanii mirga ummata Oromoo
irratti abbaa of godhu. Finfinneen handhuura Oromiyyaa ta'uu seeraan
beekne jedhanii guddina magaalatii aanjessuuf Oromiyaa irraa kutne
fudhanne jedhu.
Tooftaa gabroomfataan ummata Oromoo ittiin dhabamsiisaa jiru hubachuuf
warri rakkina qaban ni jiraatu ta'a. Gabroomfataan dachee dachaafatee
hanga fudhatee hin galletti Oromiyaa dhabamsiisuu hin danda'u se'u.
Har'a Finfinnee keessatti ilmaan Oromoo meeqa akka mallattoo Oromummaa
ofii kan ta'e aadaa fi afaan Oromoo akka irraa haqame warri hin hubatin
jiru ta'a. Gola ofii hin beekan ta'a. Ummata Oromoo dhabamsiisuuf
Oromummaa keessaa haquu dha malee ilmaan Oromoo ajjesanii ykn biyyaa
hari'anii fixuu akka hin barbaachisne hin galleef ta'a. Tooftaa
gabroomfatooti hordofan osoo itti hin dammaqamin ummata waan hubuuf
tooftaa hamaa dha.
Dhugumayyuu farreen ummata Oromoo galaana Oromiyyaa keessaa Finfinnee
buqqisanii fudhachuu hin danda'an. Akka warqee Shaakisoo saanduqatti
naqatanii hin galan. Akka buna Oromiyaa hin fe'atan. Akka elektirika
Qooqaa, Malkaa Waakkannaa, Fincaa'aa fi Gibe Xiqqaa bakka fedhanitti
hin
harkifatan. Akka agadaa fi warshaalee sukkaara Wanjii fi Fincaa'aa
hoomishanii hin fudhatan. Akeekni gabroomfatootaa waliigalatti
Oromummaa
fi Oromiyaa dhabamsiisuu ta'uyyuu, haalli Finfinnee kophaa dha. Wanti
alagaan fudhatee galu hin jiru; Oromummaa irraa haqee biyya ofii
godhatee taa'a malee. Oromummaa Finfinnee irraa qulqulleessuuf jedhamee
afaan Oromoo, aadaan Oromoo, bulchiisni Oromoo irraa haqama. Afaan
faranjiitti "ethnic cleansing" jedhama. Guddina hawaasummaa, dinagde,
fi
polotikaa akka hin arganne Oromoon Sulultaa, Sandaafaa, Haqaaqii,
Daalattii, Bachoo maliif takaalamanii akka qabaman har'a ifa bahe. Akka
akeeka gabroomfataatti hireen ummata Oromoo guddina argachuu miti.
Akeekni yeroo dheeraaf golga keessa dhokatee ummata Oromoo gidiraa ture
har'a Finfinnee irratti qullaatti hafe. Finfinnee bal'isanii qabaachuuf
Oromiyaa irraa guddisanii kutachuu; gudina Finfinneef jecha Oromiyaa
xinneessuun barbaachisaa dha jedhamee ija jabinaan as bahame. To'annoo
Oromiyyaa alatti summiin warshaalee Finfinnee lagootaa fi killensa
Oromiyaa akka mancaasu murtaawe. Lagooti Bulbulaa, Qabbanaa, Aqaaqii
summii warshaalee fudhatanii Oromiyaatti gad yaa'u. Hireen Oromiyaa
summii waarshaalee fi kosii Finfinnee fudhachuu dha jedhamee murtaawe.
Akeekni gabroomfataan Finfinneef qabu qullaa bahe. Akeekni ummata
Oromoof qabu Oromiyaa fi Oromummaa dhabamsiisuu akka ta'e ragaan kana
caalu hin jiru. Fedhiin gabroomfatootaa awwaala Oromiyyaa irratti biyya
ofii ijaarrachuu dha. Gabroomfatooti walqixxummaa dhaan ummata Oromoo
waliin jiraachuuf fedhii qabuu jedhanii warri yaadan yoo jiraatan
hirmii
tufanii of gowwomsuu ha dhiisan.
Yaa ummata Oromoo!
Gabroomfatooti akka ummataatti si gabroomfachuun nutti xinnaate
jedhanii
eenyummaa keeyyuu tasa dhabamsiisuuf Finfinnee irratti duula ifaa
labsan. Duulli Finfinnee irratti labsame ummata Oromoof gaaffii du'aa
fi
jireenyaa akka ta'ee hubatamuu qaba.
Ummata dhabamsiisuuf akeeka jaarraa dheeraaf dhoksanii hordofaa turan
amma tuffii guddaa dhaan bakkee baasan. Ummati eenyummaa ofiif kabajaa
qabu tuffii hiryaa hin qabne kana gonkumaa hin fudhatu; badiisaa
qaaniif
dabarsee of hin kennu. Yakki ummata irratti raawwatamu kun maqaan isaa
ummata lafarraa duguugu ykn genocide jedhama. Seera addunyaa tiin
dhorkaa dha. Hawaasi Oromoo bakka jirutti akka kannisa saafaa gurmuu
dhaan ka'ee daba gabroomfatootaa kana ofirraa ittisuun seera dhalootaa
ti. Galaana ummata Oromoo cehee eenyulle Finfinnee dhuunfachuu fi
Oromummaa dhabamsiisuu akka hin dandeenye farreen ummataaf barnooti hin
irraanfatamne kennamu qaba.
Yaa qabsaawota Oromoo!
Hireen qabsaawota Oromoo haala ummata Oromoo mudate sirriitti hubatanii
hawaasa hubachiisuu waan ta'eef harka wal qabannee qooda keenya ha
gumaachinu. Ummata keenya badiisa irraa hambisuu akeeka angafa
godhannee
ha warraaqnu.
Yaa ummatoota cunqurfamoo!
Akkumaa seenaa weerara Miniliki irraa beekamu, duulli ummata Oromoo
irratti gabroomfataa dhaan labsamu ummatoota cunqurfamoo osoo hin
gaaga'in hin hafu. Gabroomfataan cunqurfamoota addaan baasee mohe;
addaan baasee bitaa jira. Ammas addaan baasee akka ummatoota keenya hin
dhabamsiisne tokkummaa qabsoo jabeeffannee waliif ha dirmannu.
Gabroomfataan har'a Finfinnee fi Hawaasaa kutee dhuunfatu bor magaalaa
Godee, Arbaa Minci, Asoosaa, Gambeelaa . wkf dhuunfachuuf kan isa
dhorku
danda'u tokkummaa qabsoo cunqurfamootaa ti. Eenyummaa ummataas hin
dhabamsiisu jettanii akka hin daganne. Badiisa nuuf akeekame irraa
hafuuf wal ha tumsinu.
Yaa idiladdunya!
Ummata lafarraa duguuguun dhorkaa dha jettee Kamboodiya, Yugoslaviya,
Ruwandaatti mormite. Ummatooti idiladdunyaa ka'anii gabroomfatoota
Ethiopiatti dhekkamsa isaanii aka agarsiisan maqaa namoomaa fi seera
addunyaa tiin waamicha goona.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Qaama Cehumsaa ABO
12/9/03