Duula Abbaa Biyyummaa Oromoon Finfinnee Irratti Qabu Haquuf Baname
Ibsa Waldaa Maccaa fi Tuulamaa

Ummatni Oromoo Jaarraa 16faa dhufaatii Poortugaalotaa fi Jaarraa 18ffaa, 19ffaa fi 20ffaa keessa weerartootni Habashaa gargaarsa meeshaa waraanaa, gargaarsaa fi gorsa humnoota alaa irraa argataniin biyya isaa gabroomfatuu dura ummatni Oromoo sirna dimokraatawaa hanga har'aa addunyaa irratti dorgomaa hin qabneen birmadummaa biyya isaa, aadaa isaa fi dantaa isaa eeggatee ummata jiraachaa turee dha. Dhufaatii weerartootaa boodas aadaa fi afaan isaa akka hin haqamneef haalaa fi bakkoota adda addaa keessatti gabroomfattoota mormaa har'a gahe. Fkf, falmaa ummatni Oromoo Calanqoo, Arsii, Aannolee fi bakkoota birootti godhe kakaasuutu danda'ama. Haala eenyummaa ummata Oromoo falmuuf diddaan itti fufe keessatti waggaa 40 dura waldaan Maccaa fi Tuulamaa rakkina fayyaa, barmootaa fi karaa xiqqeessuuf gootota ilmaan Oromoon gad-dhaabbate.

Waldaan kun dabaa fi hammeenya ummata Oromoo irratti raawwatamu kamiinuu usee hin laalu; usee ilaaluus hin qabu.Kanaaf manni marii bakka bu'ootaa mootummaa naannoo Oromiyaa baatii Adoolessaa bara 2000 walgahii isaa 9ffaa isa xumuraa godhateen magaalaan guddaa Oromiyaa Finfinnee ta'uun hafee Adaamaatti akka jijjiiramuuf yeroo murteesse Waldaan Maccaa fi Tuulamaa walgahii hatattamaa waamuudhaan ummatni Oromoo murtii Finfinnee irratti dabarfame akka mormu yaamicha godhuutti dabalee, Manni Marii Mootummaa Naannoo Oromiyaa murtii darbe akka haqu gaafachuudhaan guyyaan kun waggaa waggaan guyyaa gaddaa ta'ee akka yaadatamu walgahii ALG Adoolessa 16 bara 1992 godhateen murteessuudhaan guyyaan kun guyyaa gaddaa ta'uun yaadatamaa jira.Har'as murtiin Finfinnee irratti darbe mootummaa naannoo Oromiyaan ni haqame jedhnee haala eegaa jirru keessatti mootummichi gaaffii ummata Oromoo bakka dhabsiisuudhaan seera mootummaa federaalaa Itoophiyaa keeyyata 49 lakk.shan irratti Finfinneen handhuura Oromiyaa keessa waan jirtuuf ummatni Oromoo dantaa addaa irraa argata kan jedhu haaluudhaan mootummaan naannoo Oromiyaa waajjiroota Finfinnee keessaa qabu Finfinnee keessaa akka baasuuf ajajni piresidaantii naannoo Oromiyaan mallatteeffame lakkoobsa xalayaa BMN01/134/75-5iin Sadaasa 23 bara 2003 irraa hanga Sadaasa 30 bara 2003 akka bahan ajajni darbe oduu gammachiisaa fakkeeffamee miidiyaan afarfamaa jira.Kanaaf, mirga abbaa biyyummaa ummatni Oromoo uumamaa fi heera biyyaan qabu eenyu iyyuu mulquuf mirga hin qabu; hin danda'us.

Mootummaan Federaalaa Itoophiyaas mormii ummatni Oromoo fi Waldaan Maccaa fi Tuulamaa dhageessisaniif osoo deebii hin kennin, osoo keessa seenee rakkinicha hin furin tarkaanfii amma fudhatama irra gaheera. Cal'isni mootummaa federaalaas tuffii mootummichi ummataaf qabu mul'isa waan ta'eef, Waldaan Maccaa fi Tuulamaa quurramaan ilaala. Salphinaa fi dhiittaan mirgaa, quurramaa fi diddaaf hundee akka ta'us ifaa dha.Kanaaf Boordiin Waldaa Maccaa fi Tuulamaa Sadaasa 22 bara 2003 walgahee mari'achuudhaan murtii diddaa armaan gadii dabarseera. Murtii Manni Maree Bakka Bu'ootaa Oromiyaa murtii inni bara 2000 Oromoo Finfinnee keessaa buqqisuuf murteesse hojiitti hiikuun:

1. Mirga abbaa biyyummaa ummatni Oromoo dhalootaan Finfinnee irratti qabu kan dhiibu waan ta'eef, bara bittaa H/Sillaasees taanaan Finfinneen magaalaa guddittii Xaqilaayi Gizaatii Shawaa fi magaalaa guddittii Itoophiyaa ta'uun tajaajilaa waan turteef har'as magaalaa guddittii Oromiyaa fi federaalaa ta'uuf aanjaa waan qabduuf Oromoon Finfinnee gad-dhiisuu hin qabdu.
2. Finfinneen dhaabbattoota biyyoolessaa fi idil addunyaaf tajaajila guddaa haala kennitu keessatti Oromoon abbaan biyyaa qe'ee isaa gad-dhiisee bahuun karaa waan hin taaneef,
3. Ta'e jedhamee baay'ina ummata Oromoo Finfinnee keessaa xiqqeessuuf shira xaxame waan ta'eef,
4. Seerri mootummaa federaalaa Itoophiyaa keeyyata 45 lakkoobsi 5, keeyyatni 62 lakkoobsi 9 naannoon kam iyyuu seera federaalaa kan cabse sirnicha balaaf yoo saaxile mootummaan federaalaa akka keessa seenuuf waan ajajuuf,
5. Murtiin murtaawe hojjettootni Oromoo fi maatiin isaanii mirga lammummaa, dinagdee fi hawaasummaa kan dhabsiisuu fi baqataa taasisu waan ta'eef,
6. Walumaa gala Oromoon akka Finfinnee gad-dhiisuuf murteessuun birmadummaa, mirgaa fi eenyummaa ummata Oromoo balaaf kan saaxilu waan ta'eef,
7. Waldaan Maccaa fi Tuulamaa murtii kana ilaalchisuun gaaffilee yeroo adda addaatti dhiheesseef deebii kennuu dhabuun ummata keenya tuffachuu waan ta'eef,
8. Tarkaanfiin amma fudhatamaa jiru tarkaanfii mootummaan Appaartaayidii gurraacha Afrikaa fi Adii addaan qooduuf fudhachaa turee wajjin tokko waan ta'eef, akka Oromoon Finfinnee gad-dhiisuuf murteessuun fudhatama hin qabu. Mootummaan Federaalaas ta'e Mootummaan Nannoo Oromiyaa gaaffii Waldaan Maccaa fi Tuulamaas ta'e ummata keenyaan dhihaateef deebii qaceelloo kennuu dhabuun tuffii isaan waldaa keenyaa fi ummata keenyaaf qaban mul'isa waan ta'eef, gad-jabeessinee mormaa, mootummaan naannoo Oromiyaa tarkaanfii itti jiru irraa akka dhaabbatu, Finfinneen magaalaa guddittii Oromiyaa taatee akka itti fuftuu fi mirga bu'aa addaa ummatni Oromoo seera biyyaan qabu akka kabajamu gaafatna.

Mootummaan Federaalaas ta'e kan Naannoo Oromiyaa gaaffilee dhiheessineef yoo deebii hin kennine Waldaan Maccaa fi Tuulamaa fi ummatni Oromoo tokkummaadhaan diddaa keenya gara hiriira nagaatti kan jijjiirru ta'uu hubachiisaa ummatni keenya hiriira seena qabeessa kanaaf qophiin akka turu gaafatna.

Xumura Qaamni har'a Finfinnee keessaa bahaa nuun jedhe bor Adaamaa keessas ta'e Oromiyaa keessaa naa bahaa jechuu irraa kan isa dhorku maal? Yaa ummata Oromoo! Ajajni biyya keessan keessaa nuu bahaa jedhu kun yeroo Dajjaazmaach Saahiluu Difaayee Xaqilaayi Gizaatii Arsii bulchaa ture darbee ture. Yeroo sanas ummatichi ari'atamuu irraa kan hafe gaaffii angafootni Waldaa Maccaa fi Tuulamaa kanneen akka Haaj Roobalee Turee nugusichatti dhiheessaniin ture. Kanaaf mootummaan Itoophiyaa ammaa kan rakkina bittoota isa dura turaniin uumame kan itti fufu ta'uu hin qabu.Yaa ummata Oromoo! Tarkaanfiin ummata Oromoo biyya dhabsiisuu kun cal'isaan yoo tarame dhaloota Oromoo umuriin waggaa saddeetii olii fi 80 gad-jiru hunduma seenaa duratti tuffatamaa taasisa.

Dhimma kana irrattis saalaa fi amantiin ummata Oromoo gidduutti garaagarummaa hin uumu. Yeroon isaa yeroo itti nuti Oromootni inni kun deggeraa Gumii Biyyoolessa Oromoo ti, inni kun deggeraa Oromoo Aabboo ti, inni kun deggeraa Tokkichummaa ti, inni kun deggeraa ABO ti jechuun wal qoodnuu miti. Garaa garummaa kaayyoo polotikaa irratti haasa'uudhaaf jalqaba ummatni Oromoo jedhamuu fi biyyi Oromiyaa jedhamu jaraatuu qabu. Haala Oromootni dachee isaanii irraa buqqa'uu qabu, godaanuu qabu jedhame keessatti garaagarummaan polotikaa Oromoota gidduu hin hojjetu. Garaa garummaan jiraatu illee haala rakkinaa akkanaa keessatti nuti Oromoon adda tokkummaa uummachuun kan jiruu fi jiraatuu dha. FKF. Yeroo lola Aduwaa 2ffaa mootummaan Ingilizii weerara Naazii of irraa deebisuuf dhaabbii siyaasaatiin amajaajii isaa kan ture mootummaa Raashaa Koministii ta'e waliin adda uummatee Naazii dhabamsiiseera.

Nuti Oromootnis osoo dhaabbii siyaasaan wal hin qoodne dhimma biyya keenyaa Oromiyaa irratti wal cinaa dhaabbachuun dirqii taati. Waan ta'eef hojjettootni Oromoo, barattootni, daldaltootni, Oromootni jaarmayaa waraana wayyaanee keessa jirtan, qonnaan bulaa fi hayyootni Oromoo akkasumas firootni Oromoo biyya keessaa fi ala jirtan hundi keessan waldaa keessan Waldaa Maccaa fi Tuulamaa cinaa dhaabbachuun bakka jirtan hundaatti tarkaanfii abaaramaa ummata Oromoo irratti fudhatame kana gara galchuuf bakka jirtan hundaatti qabsoo akka gootan waamicha dabarsina. Eenyummaa ummata Oromootti qoosuudhaan nagaa waaraa fiduun hin danda'amu.

Boordii Waldaa Maccaa fi Tuulamaa