Duula Abbaa Biyyummaa Oromoon Finfinnee Irratti Qabu Haquuf Baname
Ibsa Waldaa Maccaa fi Tuulamaa
Ummatni Oromoo Jaarraa 16faa dhufaatii Poortugaalotaa fi Jaarraa 18ffaa,
19ffaa fi 20ffaa keessa weerartootni Habashaa gargaarsa meeshaa waraanaa,
gargaarsaa fi gorsa humnoota alaa irraa argataniin biyya isaa gabroomfatuu
dura ummatni Oromoo sirna dimokraatawaa hanga har'aa addunyaa irratti
dorgomaa hin qabneen birmadummaa biyya isaa, aadaa isaa fi dantaa isaa
eeggatee ummata jiraachaa turee dha. Dhufaatii weerartootaa boodas aadaa fi
afaan isaa akka hin haqamneef haalaa fi bakkoota adda addaa keessatti
gabroomfattoota mormaa har'a gahe. Fkf, falmaa ummatni Oromoo Calanqoo,
Arsii, Aannolee fi bakkoota birootti godhe kakaasuutu danda'ama. Haala
eenyummaa ummata Oromoo falmuuf diddaan itti fufe keessatti waggaa 40 dura
waldaan Maccaa fi Tuulamaa rakkina fayyaa, barmootaa fi karaa xiqqeessuuf
gootota ilmaan Oromoon gad-dhaabbate.
Waldaan kun dabaa fi hammeenya ummata Oromoo irratti raawwatamu kamiinuu usee
hin laalu; usee ilaaluus hin qabu.Kanaaf manni marii bakka bu'ootaa
mootummaa naannoo Oromiyaa baatii Adoolessaa bara 2000 walgahii isaa 9ffaa isa
xumuraa godhateen magaalaan guddaa Oromiyaa Finfinnee ta'uun hafee
Adaamaatti akka jijjiiramuuf yeroo murteesse Waldaan Maccaa fi Tuulamaa
walgahii hatattamaa waamuudhaan ummatni Oromoo murtii Finfinnee irratti
dabarfame akka mormu yaamicha godhuutti dabalee, Manni Marii Mootummaa Naannoo
Oromiyaa murtii darbe akka haqu gaafachuudhaan guyyaan kun waggaa waggaan
guyyaa gaddaa ta'ee akka yaadatamu walgahii ALG Adoolessa 16 bara 1992
godhateen murteessuudhaan guyyaan kun guyyaa gaddaa ta'uun yaadatamaa
jira.Har'as murtiin Finfinnee irratti darbe mootummaa naannoo Oromiyaan ni
haqame jedhnee haala eegaa jirru keessatti mootummichi gaaffii ummata Oromoo
bakka dhabsiisuudhaan seera mootummaa federaalaa Itoophiyaa keeyyata 49
lakk.shan irratti Finfinneen handhuura Oromiyaa keessa waan jirtuuf ummatni
Oromoo dantaa addaa irraa argata kan jedhu haaluudhaan mootummaan naannoo
Oromiyaa waajjiroota Finfinnee keessaa qabu Finfinnee keessaa akka baasuuf
ajajni piresidaantii naannoo Oromiyaan mallatteeffame lakkoobsa xalayaa
BMN01/134/75-5iin Sadaasa 23 bara 2003 irraa hanga Sadaasa 30 bara 2003 akka
bahan ajajni darbe oduu gammachiisaa fakkeeffamee miidiyaan afarfamaa
jira.Kanaaf, mirga abbaa biyyummaa ummatni Oromoo uumamaa fi heera biyyaan
qabu eenyu iyyuu mulquuf mirga hin qabu; hin danda'us.
Mootummaan Federaalaa Itoophiyaas mormii ummatni Oromoo fi Waldaan Maccaa fi
Tuulamaa dhageessisaniif osoo deebii hin kennin, osoo keessa seenee rakkinicha
hin furin tarkaanfii amma fudhatama irra gaheera. Cal'isni mootummaa
federaalaas tuffii mootummichi ummataaf qabu mul'isa waan ta'eef, Waldaan
Maccaa fi Tuulamaa quurramaan ilaala. Salphinaa fi dhiittaan mirgaa, quurramaa
fi diddaaf hundee akka ta'us ifaa dha.Kanaaf Boordiin Waldaa Maccaa fi
Tuulamaa Sadaasa 22 bara 2003 walgahee mari'achuudhaan murtii diddaa armaan
gadii dabarseera. Murtii Manni Maree Bakka Bu'ootaa Oromiyaa murtii inni
bara 2000 Oromoo Finfinnee keessaa buqqisuuf murteesse hojiitti hiikuun:
1. Mirga abbaa biyyummaa ummatni Oromoo dhalootaan Finfinnee irratti
qabu kan dhiibu waan ta'eef, bara bittaa H/Sillaasees taanaan Finfinneen
magaalaa guddittii Xaqilaayi Gizaatii Shawaa fi magaalaa guddittii Itoophiyaa
ta'uun tajaajilaa waan turteef har'as magaalaa guddittii Oromiyaa fi
federaalaa ta'uuf aanjaa waan qabduuf Oromoon Finfinnee gad-dhiisuu hin
qabdu.
2. Finfinneen dhaabbattoota biyyoolessaa fi idil addunyaaf tajaajila guddaa haala
kennitu keessatti Oromoon abbaan biyyaa qe'ee isaa gad-dhiisee bahuun karaa waan hin taaneef,
3. Ta'e jedhamee baay'ina ummata Oromoo Finfinnee keessaa xiqqeessuuf shira xaxame waan ta'eef,
4. Seerri mootummaa federaalaa Itoophiyaa keeyyata 45 lakkoobsi 5,
keeyyatni 62 lakkoobsi 9 naannoon kam iyyuu seera federaalaa kan cabse
sirnicha balaaf yoo saaxile mootummaan federaalaa akka keessa seenuuf waan
ajajuuf,
5. Murtiin murtaawe hojjettootni Oromoo fi maatiin isaanii mirga
lammummaa, dinagdee fi hawaasummaa kan dhabsiisuu fi baqataa taasisu waan
ta'eef,
6. Walumaa gala Oromoon akka Finfinnee gad-dhiisuuf murteessuun
birmadummaa, mirgaa fi eenyummaa ummata Oromoo balaaf kan saaxilu waan
ta'eef,
7. Waldaan Maccaa fi Tuulamaa murtii kana ilaalchisuun gaaffilee
yeroo adda addaatti dhiheesseef deebii kennuu dhabuun ummata keenya tuffachuu
waan ta'eef,
8. Tarkaanfiin amma fudhatamaa jiru tarkaanfii mootummaan
Appaartaayidii gurraacha Afrikaa fi Adii addaan qooduuf fudhachaa turee wajjin
tokko waan ta'eef, akka Oromoon Finfinnee gad-dhiisuuf murteessuun fudhatama
hin qabu. Mootummaan Federaalaas ta'e Mootummaan Nannoo Oromiyaa gaaffii
Waldaan Maccaa fi Tuulamaas ta'e ummata keenyaan dhihaateef deebii qaceelloo
kennuu dhabuun tuffii isaan waldaa keenyaa fi ummata keenyaaf qaban mul'isa
waan ta'eef, gad-jabeessinee mormaa, mootummaan naannoo Oromiyaa tarkaanfii
itti jiru irraa akka dhaabbatu, Finfinneen magaalaa guddittii Oromiyaa taatee
akka itti fuftuu fi mirga bu'aa addaa ummatni Oromoo seera biyyaan qabu akka
kabajamu gaafatna.
Mootummaan Federaalaas ta'e kan Naannoo Oromiyaa gaaffilee dhiheessineef
yoo deebii hin kennine Waldaan Maccaa fi Tuulamaa fi ummatni Oromoo
tokkummaadhaan diddaa keenya gara hiriira nagaatti kan jijjiirru ta'uu
hubachiisaa ummatni keenya hiriira seena qabeessa kanaaf qophiin akka turu
gaafatna.
Xumura Qaamni har'a Finfinnee keessaa bahaa nuun jedhe bor Adaamaa keessas
ta'e Oromiyaa keessaa naa bahaa jechuu irraa kan isa dhorku maal? Yaa ummata
Oromoo! Ajajni biyya keessan keessaa nuu bahaa jedhu kun yeroo Dajjaazmaach
Saahiluu Difaayee Xaqilaayi Gizaatii Arsii bulchaa ture darbee ture. Yeroo
sanas ummatichi ari'atamuu irraa kan hafe gaaffii angafootni Waldaa Maccaa
fi Tuulamaa kanneen akka Haaj Roobalee Turee nugusichatti dhiheessaniin ture.
Kanaaf mootummaan Itoophiyaa ammaa kan rakkina bittoota isa dura turaniin
uumame kan itti fufu ta'uu hin qabu.Yaa ummata Oromoo! Tarkaanfiin ummata
Oromoo biyya dhabsiisuu kun cal'isaan yoo tarame dhaloota Oromoo umuriin
waggaa saddeetii olii fi 80 gad-jiru hunduma seenaa duratti tuffatamaa
taasisa.
Dhimma kana irrattis saalaa fi amantiin ummata Oromoo gidduutti garaagarummaa
hin uumu. Yeroon isaa yeroo itti nuti Oromootni inni kun deggeraa Gumii
Biyyoolessa Oromoo ti, inni kun deggeraa Oromoo Aabboo ti, inni kun deggeraa
Tokkichummaa ti, inni kun deggeraa ABO ti jechuun wal qoodnuu miti. Garaa
garummaa kaayyoo polotikaa irratti haasa'uudhaaf jalqaba ummatni Oromoo
jedhamuu fi biyyi Oromiyaa jedhamu jaraatuu qabu. Haala Oromootni dachee
isaanii irraa buqqa'uu qabu, godaanuu qabu jedhame keessatti garaagarummaan
polotikaa Oromoota gidduu hin hojjetu. Garaa garummaan jiraatu illee haala
rakkinaa akkanaa keessatti nuti Oromoon adda tokkummaa uummachuun kan jiruu fi
jiraatuu dha. FKF. Yeroo lola Aduwaa 2ffaa mootummaan Ingilizii weerara Naazii
of irraa deebisuuf dhaabbii siyaasaatiin amajaajii isaa kan ture mootummaa
Raashaa Koministii ta'e waliin adda uummatee Naazii dhabamsiiseera.
Nuti Oromootnis osoo dhaabbii siyaasaan wal hin qoodne dhimma biyya keenyaa
Oromiyaa irratti wal cinaa dhaabbachuun dirqii taati. Waan ta'eef
hojjettootni Oromoo, barattootni, daldaltootni, Oromootni jaarmayaa waraana
wayyaanee keessa jirtan, qonnaan bulaa fi hayyootni Oromoo akkasumas firootni
Oromoo biyya keessaa fi ala jirtan hundi keessan waldaa keessan Waldaa Maccaa
fi Tuulamaa cinaa dhaabbachuun bakka jirtan hundaatti tarkaanfii abaaramaa
ummata Oromoo irratti fudhatame kana gara galchuuf bakka jirtan hundaatti
qabsoo akka gootan waamicha dabarsina. Eenyummaa ummata Oromootti qoosuudhaan
nagaa waaraa fiduun hin danda'amu.
Boordii Waldaa Maccaa fi Tuulamaa